Bitaa fi mirgaan naati gumee
Diinni na balleessuuf na guungumee
Xaxee na kuffisuuf heddu yaalee
Malli inni male garagalee
Harka waaqaa uf irratti argeera ani
Yoo na baasu bolla du'a duchaatii
Yoo na baasu bolla du'a duchaatii
Irree waaqaa uf irratti argeera ani
Garagalchee yaada diina sanii
Garagalchee yaada diina sanii
Gaarummaa waaqayyoo ani argeeraa
Duuti nan hin arganne geeddareeraa
Mirga koo dhaabbatee naaf falmeeraa
Ijji dinaa kiyyaa narraa gameera
Gadda koo jijjiiree gammachutti
Mataa isaa irra na deemsisaati
Akka gumaa ijaa na ittisaati
Samii narraa saaqee na eebbisaati
Gargaarsi harka isaa narraa hin foo'amnee
Jiruu koo hundumatti kophaa hin taane
Innoo na gargaaraa asi gaheera
Shakkii hin qabu boruuf isa naaf jira